Filannoo Israa’eliin Beeniyaamiin Neetaaniyaahuun injifatan

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015 (FBC) – Filannoo Israa’eliitti gaggeeffameen Beeniyaamiin Neetaaniyaahuun injifachuu gabaafame.

Komishiniin Giddugala Filannoo biyyattii bu’aa filannoo gaggeeffamee ifoomseera.

Muummee Ministiraa ta’uun biyyattii gaggeessaa kan jiran Yaayir Laapiidim dorgomaa isaanii simachuun bu’aa filannichaa kan fudhatan ta’uu mirkaneessaniiruufi.

Bu’aan filannoo duraa akka mul’isanitti Paartiin Neetaaniyaahuu teessoo paarlaamaa 120 keessaa 64 yoo argatu kan Yaayir Laapiid ammo teessoo 51 argachuu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment