Filannoo haftee fi irra deebii naannolee 4tti gaggeeffame Paartiin Badhaadhinaa teessoo hedduu mo’achuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)- Filannoo haftee fi irra deebii naannolee 4’tti gaggeeffameen Paartiin Badhaadhinaa teessoowwan Mana Maree Bakka Bu’ootaa fi Naannoo hedduu sagalee olaanaa argachuun injifachuun ibsame.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa bu’aa filannichaa bakka qaamoleen dhimmichi ilaaltu argamanitti ifoomseera.

Haaluma kanaan Filannoo Naannoo Beenishaangul Gumuziti gaggeeffame kanaan Paartiin Badhaadhinaa teessoo Mana Maree Bakka Bu’ootaaf afur, Mana Maree Naannoof teessoo 60 injifateera.

Naannoo Afaaritti Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataaf teessoo 2, Mana Maree Naannoof teessoo 27, Naannoo Giddugaleessa Itiyoophyaatti teessoowwan Mana Maree Naannoo sadeen Paartiin Badhadhinaa injifachuu beeksiseera.

Dabalatana Naannoo Somaaleetti teessoo Mana Maree Naannoof teessoowwan torba Paartiin Bdhaadhinaa injifachuu TOI gabaaseera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Filannoo Biyyaalessaa marsaa 6ffaa sababoota garaagaraan naannolee filannoon hingaggeeffamne Beenishaangul Gumuz, Afaar, Somaalee fi Giddugaleessa Itiyoophiyaatti Waxabajjii 16, 2016 filannoo irra deebii fi haftee gaggeessuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment