Filannoo biyyoolessaatif bittaan meeshaalee %90 xumuramuu boordichi beeksise

Finfinnee, Fulbaana 22, 2013 (FBC) –Filannoo biyyoolessaatif bittaan meeshaalee barbaachisoo %90 xumuramuu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa beeksise.

Boordichi filannoo biyyoolessaa 6ffaa bara kana gaggeeffamuuf qophii taasisaa jiraachuu ifoomsera.

Bittaan meeshaalee %90 ol xumuramuu walitti qabduun boordichaa aadde Birtukaan Miidhagsaa ibsaniiru.

Namoonni miiliyoonni 50 sagalee ni laatun eegamas jedhan.

Buufataaleen filannoo 50,900, galmeef raawwachiistonni 152,700, guyyaa sagaleen laatamutti raawwachiistonni 254,500 qophii ta’uus eeraniiru.

Korojoon filannoo kumni 207 bifa addaatin qophaa’uus ibsaniiru. Buufatni tokko korojoo4 qabaat

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment