Fiinxaalessummaan wareeraa fi ‘ana malee’ hinmilkaa’u-Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Sadaasa 12, 2017 (FBC)- Fiinxaalessummaan wareeraa fi ‘ana maleen’ guutame yoomiyyuu fudhatama kan hinqabnee fi hinmikoofne ta’uu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluun ibsan.

Dooktar Laggaasaan gama miidiyaa hawaasummaa isaanii akka ibsaniitti, gareen fiinxaaleyyii “Faannoo” jedhee of waamuu fi Shaneen amala walfakkaataa kan qabaniidha.

Diinaa isaaniifis ta’e aantii isaaniif kabaja kan hinqabne, bineensillee gochaa dhala namaarratti hala hinraawwanneen gochaa suukanneessaan filmaata hundaan kan ajjeesaniidha jedhan.

Tibbanas Naannoo Oromiyaa Salaalee naannawaa Darraatti gochaa gara jabinaa finxaaleyyiin raawwatame kana kan akeekuu ta’uu eeranii, kunis dhala namaarraa kan hineegamne gochaa suukanneessaa balaleeffatamuu qabu ta’uu himan.

Finxaaleyyiin kunneen gochaa suukanneessa kanaan sabni tokko saba biraarratti ka’uun walitti bu’iinsi akka uumamuu gochuun, fedhii isaanii galmaan ga’uu fi ummata keessatti soda uumuun waan fedha gochuuf kan kaayyeffatan ta’uu akeekan.

Kunis fiinxaalessummaa wareeraa fi ‘ana malee’ kan dhalu malee fedhii akkanaa yoomiyyuu fudhatamaa kan hinqabnee fi hinmilkoofneedha jedhaniiru.

Kallattii lameeniin tibbana Salaalee Darratti gochaa suukanneessaa balaaleffatamuu qabu raawwachuun Amaaraa fi Oromoo walitti buusuuf yaalii hedduun taasifamuu yaadachiisaniiru.

Fedhiin fiinxaaleyyii diiguu fi walitti bu’iinsa uumuurra kan darbe miti kan jedha Dooktar Laggasaan, kaayyoon isaanii faayidaa fi kaayyoo ofii isaanii fi humnoota biroo tajaajiluudha jedhan.

Gara jabeeyyiin gochaa suukanneessaa akkanaarratti bobba’an qindoomina ummataa fi mootummaan, filmatawwaan hundaa fayyadamuun akka sirrataan ni taasifamu; nagaan qilleensa’aa jirus ni mirkaneeffama jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment