Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Fiinlaand tattaaffii miseensa NATO ta’uuf taasistu kan itti fuftu yoo ta’e tarkaanfii duubdeebii irratti kan fudhattu ta’uu Raashiyaan beeksisteerti.
Preezdaantiin Fiinlaand Saawulii Niiniistoo fi Muummeen Ministiraa biyyattii ibsa waloo guyyaa kaleessaa laataniin, Fiinlaand miseensa NATO ta’uuf murteessuu fi kanaaf ammoo adeemsi barbaachisaan ariitiin eegalamuu akka qabu ibsaniiru.
Murtoo Fiinlaand hordofee Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa ibsa kennaniin,sochiin Fiinlaand NATOtti makamuuf taasisaa jirtu ifatti qocholloo eegaluu ishee kan mul’isu ta’uu eeraniiru.
Sochichi hariiroo biyyoota lameenii quucarsuurra darbee jeequmsa Kaaba Awurooppaatti mul’achaa jiru daran kan hammeessu ta’uu ibsaniiru.
Yaaddoo gochicharraa maddu kamiiniyyuu qolachuuf Raashiyaan tarkaanfii duubdeebii kan fudhattu ta’uu ministirichi yaadachiisuu RTn gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.