Fiilmiin “Nisiroochu” eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2015 (FBC)- Fiilmiin mataduree “Nisiroochu” jedhuun hojjetamee fi gootummaa Tajaajilaa Odeeffannoo Fi Tika Biyyaalessaa argisiisu eebbifame.

Fiilmicha Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caaffoo eebbisiisaniiru.

Tajaajilaa Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaan kan qophaa’ee fi Pirodaakshinii Fiilmii Taammiraat Mokonniniin kan hojjetame fiilmichi, seenaa dhugaarratti hundaa’uun tajaajilichi Ityoophiyaa itti fufsiisuu fi eegsisuuf hojiilee hojjete kan argisiisuudha.

Daayrektarri Olaanaa Tajaajilichaa Tamasgeen Xurunee akka jedhanitti Fiilmichi dhaabbataa dandeettiin cimaa ijaaramaa jiraavhuu ogummaan argisiisuuf kaayyeffatee kan hojjetameedha.

Lammiin akka ittiin boonu, diinni kan sodaatu; lammiin akka ofitti amanu, diinni akka dhabamuuf hojjechuu qofa utuu hintaane waan hojjetame argisuu qabna jedhaniiru.

Hojiin waliigalaa fiilmichaa waggaa tokkoo ol akka fudhates eerameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment