Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)- Fiilmiin dookumantarii Poolisiin Federaalaa ummata tajaajiluuf hojiilee hojjetu ka’umsaa taasifachuun hojjetamee fi mata duree “Malanyoochuu” jedhuun qophaa’e eebbifame.
Barreessaa fi Qopheessan Fiilmichaa Taammiruu Birhaanuu, fiilmicha qopheessuuf poolisiin federaalaa ummataa tajaajiluuf taateewwan qormaataa heddummaataan keessaa darbu ka’umsa taasifachuun seena fi barreeffamni fiilmichaa waggoottan afuran darban qophaa’uu dubbatan.
Filmicharratti Taatoowwan bebbeekamoon kan hirmaatan yoo ta’u, miseensonni Poolisii Federaalaa itti gaafatama hojii garaagaraatti hojjechaa jiran hirmaachuun eerameera.
Sirna eebba fiilmichaarratti Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyahu Tashaagar, Pireezidaantii Duraanii Ityoophiyaa Dooktar Mulaatuu Tashoomaa, Itaamaajoor Shumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa dabalatee Daayrektarri Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Tamasgeen Xurunee, Komishinara Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’el, qondaaltota waraanaa fi dippilomaatonni biroon argamaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.