Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC) – Fiilmiin jalqabaa Itiyoophiyaa bara 1957’tti hojjatame ”Hiruut Abbaatuwaa maannew?” jedhu bakka hoggantootni olaanoo mootummaa argamanitti hoteela Sharaatan Addisitti eebbifameera.
Filmichi Ilaalaa Ibsaatiin barreefamee, Laambros Jokarisiin kan qophaa’eedha.
Filmiin kun taatoota Ityoophiyaa fi lammiilee alaan kan hojatame yoo ta’u hojiin isaa wagga tokko kan fudhate ta’uu ibsameera.
Fiilmichi guddina indaastirii fiilmii biyyattiif ka’umsa yoo tahuu, dheerina sa’aatii 1fi daqiiqaa 20 kan qabudha.
Fiilmichi magaaloota Adaamaa, Qoqaa, Asmaraa fi Finfiinneetti kan hojjatame.
Sagantaa eebaa filmii kanarratti kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dabaltee hoggantoonni olaanoo mootummaa fi bakka bu’oonni diyaasporaa argamaniiru.
Saganticharratti qaamolee fiilmichi gama diijitaalaan akka hojjetamu taasisaniif beekamtiin kennameera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.