Fiilmiin imala daandiin Humna Qilleensaa Ityoophiyaa keessa darbee fi yeroo ammaa irra jiru agarsiisu eebbifame

Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) – Fiilmiin imala Daandiin Humna Qilleensaa Ityoophiyaa keessa darbee fi yeroo ammaa irra jiru agarsiisu “Samiin kan keenya”,jedhu eebbifameera.

Fiilmii Kuraat Piikchersi Faanaa Biroodkaastiing Korporeet waliin hojjetan kun sa’aatii 1:30 kan fudhate ta’uu eerameera.

Kaayyoon isaa jijjiirrama Humna Qilleensichaa fi bu’aa ba’ii keessa darbe dhalootaaf dabarsuuf ta’uu ibsameera.

Humni Qilleensichii waggootaan darban haala Ityoophiyaa madaaluu danda’uun ijaaramuu Itaamaajooriin Humna Waraanaa Waliigalaa Fiild Marshaal Birihaanuu Juulaan ibsaniiru.

Ijaarsi human qilleensichaa har’aaf qofa osoo hin taane dhaloota boruuf akka hafuutti hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan gama isaaniin Fiilmiin muul’ata humna Qilleensichaa agarsiisu kun dargaggoonni fedhii qaban gara dhaabbatichaatti akka makamaniif kan kakaasu ta’uu dubbataniiru.

Alaazaar Taaddaleetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment