Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan Guyyaa Humna Qilleensaa Itiyoophyaa kabajauuf Bishooftuu jiru

Finfinnee, Mudde 5, 2016 (FBC)- Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan guyyaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa 88ffaa kabajauuf Bishooftuu jiru.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan wayita Bishooftuu ga’an simaanaan taasifameeraafi.

Dabalataan Bakka Bashaannaan Qondaaltotaa Humna Qilleensaa guutummaan haareffame eebbisiisaniiru.

Bakki bashaannaa kunis bara 1955 kan ijaarame yoo ta’u, sadarkaa isaa haala eeggateen haareffamuun miseensota humna qilleensaa fi maatii isaanii akkasumaas hawaasaa naannawaa fayyadamtoota taasisuun ibsameera.

Hundeeffamni waggaa 88ffaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Bakkaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi qondaaltonni jeneraalaa akkasumas qondaaltonni olaanoo mootummaa argamanitti marii paanaaliin kabajama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment