Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan gita isaanii Turkii waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 19, 2015 (FBC)- Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan gita isaanii Yaasir Naasir waliin mari’ataniiru.

Jilli Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu Turkitti daawwannaa hojii taasisaa jira.

Jillichi Indaastiriiwwan teeknooloojii Raayyaa Ittisaa Turkii daawwateera.

Ajajoonnii lameenii hariiroo loltummaa biyyoota lameenii gidduu jiruurraattti mari’achuun eerameera.

Daawwannichi hariiroo biyyoonni lameen qaban caalmaatti cimsuu irra darbee muuxannoo gaggaarii loltummaa waljijjiiruu irratti qooda akka qabu ibsamuu ragaan Raayyaa Ittisaa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment