Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan gita isaanii Ruwaandaaf kennaa adda addaa kennan

Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) -Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan Itaamaajoor Shumii Waliigalaa Ruwaandaa Jeneraal Mubaarak Mugaagaaf kennaa adda addaa kennan.

Fiildi Maarshaal Birhaanuun jila Itaamaajoor Shumii Waliigalaa Ruwaandaan durfamu Affeerraa Irbaataas taasisuun eerameera.

Sirnicharratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan gita isaanii Ruwaandaa fi jila isaaniif uffanaalee Aadaa garaagaraa fi kennawwan adda addaa kennuu ragaan fuula Raayyaa Ittisa biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment