Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa Turkiyyee waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa Biyyaa Turkiyyee Hulusii Akar waliin mari’ataniiru.

Jilli Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu shaakala loltummaa EFES 2022 mootummaan Turkiyyee qopheesserratti hirmaachuuf guyyaa kaleessaa Turkiyyee galuun kan yaadatamudha.

Shaakalichaan cinaatti Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyattii waliin damee loltummaan haala waliin hojjechuun danda’amurratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan gitasaanii Turkiyyee Yaasaar Guulaar waliin dhimmoota gamlameerratti mari’ataniiru.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment