Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Bidiruuwwan saffisoo waraanaa daawwataan

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC) – Itaamaajooriin Humna Waraanaa waliigalaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Bidiruuwwan Saffisoo waraanaa Giddu Galli Suphaa Aviyeeshinii Humna Qilleensaa Tajaajilatti deebise daawwataniiru.

Bidiiruuwwaan kunneen kanaan dura Humna Galaanaa Ityoophiyatti tajaajila kennaa kan turan yoo ta’uu ,irraa deebiin qophummaa Humna Galaanaa akka cimsaniif ta’uun eerameera.

Giddu Galli Suphaa Aviyeeshinii Humna Qilleensaa kun Bidiruuwwan Saffisoo waraanaa waggoota 30 oliif qabsoorra turanii fi tajaajila laachuu dhaabaan, meeshaalee waraanaa ammayyaa fi teeknooloojii yeroon gaafatu itti hidhuun ergamaaf qophii akka ta’an taasiisuu ibsameera.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan daawwannaa booda Leenjitoota Humni Galaanaa Ityoophiyaan leenjii bu’uuraa leenjisaa ture kan eebbisan ta’uu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment