Fiil Foodan taphataa cimaa Piriimeer Liigii Ingilaandi bara kanaa jedhamuun badhaafame

Finfinnee, Caamsaa 10, 2016 (FBC) –Taphataan Maanchiister Siitii Fiil Foodan taphataa cimaa Piriimeer Liigii Ingilaandi bara 2023/24 jedhamuun badhaafameera.

Dargaggeessi umrii waggaa 23 lammiin Ingiliiz Fiil Foodan bara kana galchiiwwan 17 lakkoofsiisuun kubbaa galchiif ta’an 8 mijeesseera.

Goolii eegaan Arsenaal Deeviid Raayaan karra eegaa cimaa barichaa jedhamuun yoo badhaafamu,taphataan sarara gidduu Cheelsii Kool Paalmar ammoo taphataa dargaggeessa cimaa liigichaa jedhamuun badhaafamuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment