Fiigichi xumuraa meetira 5000 dhiiraa har’a halkan gaggeeffama

Finfinnee, Adoolessa 17, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaarratti fiigichi xumuraa meetira kuma 5 dhiiraa har’a halkan gaggeeffama.

Halkan gara barii sa’aatii 10:35 irratti dorgommii fiigicha xumuraa meetira kuma 5000 irratti atileetonni Ityoophiyaa kan hirmaatan yoo ta’u, Yoomiif Qajeelchaa, Muktaar Idiriis, Solomoon Baaraggaa ni hirmaatu.

Haaluma walfakkaatuun dorgommiin xumuraa dubartootaa meetiraa 800 sa’aati 10:35 kan gaggeeffamu yoo tau, Dirribee Waltajjii fichicharratti Ityoophiyaan bakka bu’uun ni hirmaatti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment