Fiigichi Kiiloo Meetira 10 dhiirotaa har’a gaggeeffama

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC) – Olompikii Paariis 33ffaan har’a fiigicha Kiiloo Meetira 10niin Atileetoota dhiirotaa gidduutti gaggeeffamuun Atileetoonni Itiyoophiyaa ni eegamu.

Har’a halkan sa’aatii 4:20 irraa eegaluun kan fiigamu yoo ta’uu, Atileet Yoomiif Qajeelchaa, Salamoon Baraggaa fi Barrihuun Aragaawwiin Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni hirmaatu.

Fiigichi gulaallii meetira kuma 1 fi 500 dhiirota gidduutti har’a guyyaa sa’aatii 6; 05 eegalee kan gaggeeffamu yoo ta’u, Atileet Saamu’eel Tafarraa, Eermiyaas Girmaa fi Abdiisaa Fayyisaan ni hirmaniiru.

Kanneen ramaddii isaanirraa 1ffaa hanga 6ffa bahan fiigicha gulaalliii walakkaa xumuraa Adoolessa 28, 2016 gaggeeffamurratti ni dorgomu.

Galgala sa’aatii 1:10 irraa jalqabee fiigichi gulaallii Kiiloo Meetira 5 dubartoota gidduutti ni gaggeeffama.

Atileet Ijjigaayyoo Taayyee, Gudaaf Tsaggaayii fi Madinaa Isaan ni dorgomu.

Atileetonni ramaddii isaaniirraa1ffaa hanga 8ffaa bahan fiigicha xumuraa Adoolessa 29, 2016 gaggeeffamurratti biyya isaanii bakka bu’uun meedaaliyaaf dorgomu.

Akkasumas fiigicha gulaallii meetira 800 dubartotaa galgala sa’aatii 2:45 irraa jalqabee kan fiigamu yoo ta’uu, Atileet Tsiggee Dhugumaa, Habtaamu Alamuu fi Warqinash Mallasaan ni dorgomu.

Atileetonni 1ffaa hanga 3ffaa bahan fiigicha gulaallii walakkaa xumuraa Dilbata dhufu gaggeeffamuurratti hirmaatu.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment