Finfinnee, Sadaasa 9, 2015 (FBC) – Fiigichi guddichi Ityoophiyaa sagantaa beekkamtii kennuu 22ffaa qopheesseen atleetotaa fi qooda fudhattootaaf beekkamtii laatera.
Sagantichi kaleessa mata duree ‘Ityoophiyummaa kootti nan boona’ jedhuun gaggeeffameera.
Haaluma kanaan Atleet Tsaggaayee Kabbadaa, Taammiraat Tolaa, Komaandar Atleet Mossinat Garramow, Asallafachi Margaa, Wuddee Ayyaalewuu fi Yaalamzarf Yewuhaalaan beekkamticha argataniiru.
Akkasumas Ministeerri Turizimii, Bulchiinsi magaalaa Finfinnee, Poolisiin Federaalaa fi Finfinnee dhaabbilee beekkamtii kana argatan ta’uu eerameera.
Sagantaa beekkamtii laachuu kanarratti Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo, Ministirri ministeera Turizimii Ambaasaaddar Naasiisee Caalii dabalatee namoonni bebbeekkamoo fi hoggantoonni miidiyaalee argamaniiru jedhame.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.