Fiigichi guddaan Ityoophiyaa 22ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 11, 2015 (FBC) –Fiigichi guddaan Ityoophiyaa 22ffaan hirmaattoota kuma 40 hirmaachise magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Sirna jalqabsiisa isaarratti Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdee, Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa fi Kantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Fiigicha meetira kuma 10 kanarratti Atleetonni bebbeekkamoo biyya keessaa fi alaa akkasumas kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaataniiru.

Fiigichi guddichi Ityoophiyaa kun Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa, addunyaarraa ammoo sadarkaa 3ffaarratti argama jedhame.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment