Fiigichi daandiirraa kiiloo metira 10 “Machaal Itiyoophiyaaf” milkiin xumurameera

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2016 (FBC)-Fiigichi daandiirraa kiiloo metira 10 “Machaal Itiyoophiyaaf” Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffame milkiin xumurameera.

Saganticharratti Gorsaa Loltummaa Itaamaajoor Shuumii waliigalaa fi Itti Gaafatamaan Hoggansa Waraanaa Letenaal Jeneraal Alamsheet Daggifee akka jedhanitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa eeguurra darbee Atileetota ciccimoo maqaan Itiyoophiyaa sadarkaa Idil Addunyaatti akka waamamu taasisan dhaabbata horate ta’uu himan.

Dorgommii olompikiirratti Itiyoophiyaa fi Afrikaaf meedaaliyaa Warqee kan argamsiisee Kumaalaa Abbabaa Biqilaan bu’aa Kilaba Ispoortii Machaal ta’uu eeraniiru.

Injifannoowwan waltajjiilee Idil Addunyaa fi sadarkaa Ardiitti Itiyoophiyaan galmeessisteef Machaal gumaacha olaanaa akka taasise ibsaniiru.

Waggaa 80ffaa hundeeffama Kilaba Ispoortii Machaal Waxabajjii 1, 2016 eegalee sagantaalee garaagaraan kabajamaa kan jiru ta’uu ragaan Raayyaa Ittisa Byyaarraa argame ni mul’isa.

Fiigicha kiiloo meetiraa 10 har’a gaggeeffamerratti Dubartootaan Maqidas Shimallis, Dhiiraan ammoo Balay Ziquu injifataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment