Fiigicha walakkaa Maaraatoonii Xaaliyaanitti gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa milkaa’an

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Fiigicha walakkaa Maaraatoonii Xaaliyaanitti gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa Koorniyaa lamaaniinuu milkaa’aniiru.
Dorgommii Dhiirota gidduutti gaggeeffameen Taayyee Girmaa sa’aatii 1:4: 11 xumuruun 1ffaa yoo ba’u, Daamxoo Gaashuu sa’aatii 1:7:13 sadarkaa 6ffaan xumureera.
Dorgommii dubartoota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atleet Masarat Ingiduu sa’aatii 1:6:42n xumuruun 1ffaa ba’uu ishee ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment