Fiigicha mana keessaa Shaampiyoonaa Addunyaan Atileetoonni Itiyoophiyaa bakka bu’an ifooman

Fiigicha mana keessaa Shaampiyoonaa Addunyaan Atileetoonni Itiyoophiyaa bakka bu’an ifooman

Finfinnee, Bitootessa 6, 2017 (FMC) – Fiigicha mana keessaa Shaampiyoonaa Addunyaa bara 2025 Chaayinaa Naanjiingitti dorgomamurratti Atileetoonni Itiyoophiyaa bakka bu’an 14 ifoomaniiru.

Atileet Massalaa Nibratii fi Saamu’eel Tafarraan fageenya Meetira kuma 1 fi 500, Atileet Barrihuun Aragaawwii, Biiniyaam Mahaarii fi Geetinnaat Waalaan meetira kuma 3 Atileetota dhiiraa Itiyoophiyaa bakka bu’aniidha.

Atileet Tsiggee Dhugumaa, Haabtaamu Alamuu fi Nigisti Getaachoon meetira 800, Atileet Dirribee Waltajjii, Gudaaf Tsaggaayii fi Warqinash Massaleen meetira kuma 1 fi 500 Atileetoota Dubartootaa Itiyoophiyaa bakka bu’an ta’uu ibsameera.

Atileet Tsiggee Gabrasalaamaa, Fireewayinii Hayiluu fi Birqee Hayyaloom ammoo meetira kuma 3’n filatamuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Addunyaarraa argame ni mul’isa.

Shaampiyoonaan Addunyaa Fiigicha mana keessaa bara 2025 kun Jimaata dhufuu eegalee guyyoota sadiif Chaayinaa Naanjiingitti gaggeeffama.

Hayilamaariyaam Taganyitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment