Fiigicha Maaraatoonii Taataa Mumbaayiin Atileetonni Itiyoophiyaa injifatan

Finfinnee, Amajjii 12, 2016 (FBC)-Fiigicha Maaraatoonii Taataa Mumbaayitti gaggeeffameen Atileetonni Itiyoophiyaa sadarkaa 1ffaa hanga 8ffaa ba’uun xumuran.

Fiigicha Maaraatoonii dubartootaan gaggeeffame kanarratti Atileetonni Itiyoophiyaa 1ffaa hanga 8ffaa yoo ba’an, Atileet Abarraash Minsawwaa, Muluuhabti Tsiggee fi Madihiin Bajanee 1ffaa hanga 3ffaan ba’uun xumuraniiru.

Dorgommicha Dhiirotaan ammoo Atileetonni Itiyoophiyaa 1ffaa hanga 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Haaluma kanaan Atileet Haayilee Lammii 1ffaan yoo xumuru, Atileet Haayimaanoot Allawu fi Mitikkuu Xaafaa 2ffaa fi 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment