Fiigicha Gulaallii meetira kuma 5 dhiiroota gidduutti gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa xumuraaf darban

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 18ffaan Ameerikaa Ooriiganitti gaggeeffamaa jiruun fiigicha gulaallii meetira kuma 5 dhiiroota gidduutti gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa xumuraaf darbaniiru.
Atleet Yoomiif Qajeelchaa, Salamoon Baraggaafi Muktaar Idiriis marsaa xumuraaf darbaniiru.
Atleet Salamoon Baraggaa daqiiqaa 13:24.44n 3ffaa ba’uun kallattiin darbeera.
Atleet Yoomif Qajeelchaan daqiiqaa 13:14.87n sadarkaa 4ffaa ba’uun darbeera.
Atleet Muktar Idiriis daqiiqaa 13:21.19n sadarkaa 7ffaa ba’us sa’aatii fooyya’aa galmeessuu isaan darbeera.
Gulaalli walakkaa xumuraa meetira 800 dubartoota gidduutti gaggeeffameenis Dirribe Waltajjii Fireewayinii Hayiluu fi Haabtaam Alamuun marsaa itti aanuuf darbaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment