Fiigicha Gulaallii meetira kuma 5 Atileet Haagos Gebrehiwootii, Biiniyaam Mahaarii fi Addisuu Yihuuneen xumuraaf

Finfinnee, Hagayya 1, 2016 (FBC) – Fiigicha gulaallii meetira kuma 5 dhiirota gidduutti gaggeeffameen Atileet Haagos Gebrehiwoot, Biiniyaam Mahaarii fi Addisuu Yiheeneexumuraaf darbaniiru.

Atileet Hagos Gebrehiwoot ramaddii isaarraa 2ffaa fi Biiniyaam Mahaariin 2ffaa fi Addusuu Yihuuneen 8ffaa bahuun fiigicha xumuraaf darbaniiru.

Olompikichaan Itiyoophiyaan hanga ammaatti meedaaliyaawwan Meetii 2’n sadarkaa 52ffaatti kan argamtu yoo ta’u, Ameerikaa, Chaayinaa, Awustiraaliyaa fi Faransaay walduraa duubaan sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaa qabataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment