Fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 dhiiraan atileetonni Ityoophiyaa milka’an

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) Moorishiyesitti kan gaggeeffamaa jiru Shaampiyoonaa Atileetiksii Afriikaa 22ffaan Atileetonni Ityoophiyaa milkaa’aa jiru.
Guyyaa har’aa fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 gaggeeffameen Atileet Haayilamaariyaama Amaaree fi Atileet Taaddasaa Taakkalaa 1ffaa fi 2ffaa bahuudhaan meedaaliyaa Warqee fi Meetii biyya isaaniif argamsiisuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment