Fiigicha Daandirraa ‘Rigaa 2023’ irratti Atileetoonni Itiyoophiyaa ni eegamu

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC) – Fiigicha Daandirraa Laatiiviyaa magaalaa Rigaatti gaggeeffamurratti Atileetoonni Itiyoophiyaa tilmaama injifannoo argataniiru.

Atileetoonni 347 fageenyoota 6 shaampiyoonaa ta’uuf ni dorgomu jedhame.

Fiigichi daandirraa kun Fulbaana 20 -21, 2016 kan gaggeeffamu yoo ta’uu Atileetoonni Itiyoophiyaa 19 fageenya 3 kan hirmaatan ta’uu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Haaluma kanaan fiigicha meetira kuma 5 dhiiroota gidduutti gaggeeffamuun Atileet Yoomiif Qajeelchaa, Barrihuu Aragaawwii fi Hagos Gabrehiyiwat, dubartootaan Ijjigaayyoo Taayyee, Madinaa Isaa fi Lamlam Hayiluun Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni dorgomu jedhame.

Maayila tokkoon ammoo Atileet Dirribee Waltajjii fi Fireewayinii Hayiluun ,walakaa Maaraatoonii Dhiirootaan Jamaal Yimar, Nibrat Malaak, Dinqaalem Ayyalaa fi Tsaggaayyee Kidaanuu kan dorgoman yoo ta’uu, Dubartootaan Mastaawat Fiqir, Tsiggee Gabrasalaamaa, Yaalamgeex Yaaragaalii fi Fitaaw Zaraay Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgomicharratti ni hirmaatu jedhame.

Warqinahi Gaashahuunii fi Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment