Fiigicha daandirraa Kiiloo Meetira 5 gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa riikkardii cibsuun injifatan

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Fiigicha daandirraa Kiiloo Meetira 5 gaggeeffameen Atleet Barrihuun Aragaawii fi Atleet Ijjigaayyoo Taayyee riikkardii fageenyichaa fooyyeessun injifatan.
Fiigicha fageenya Kiiloo Meetira 5 guyyaa xumura bara Faranjootaa 2021Ispeen Baarseeloonaatti gaggeeffameen Atleet Barrihuun Aragaawii fi Atleet Ijjigaayyoo Taayyee riikkardii fageenyichaa fooyyeessuun injifachuu isaanii ragaan Federeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Atleet Barrihuun daqiiqaa 12 fi seekoondii 49n, Atleet Ijjigaayyoon daqiiqaa 14 fi seekoondii 19 xumuranii riikkadrdii addunyaa fageenyichaa fooyyassaniiru jedhame.
Fiigicha daandiirraa Kiiloo Meetira 15 Braaziil Saa’oopoolitti gaggeeffameen dhiirootaan Atleet Balaay Bazzaabihi sadarkaa 1ffaan, dubartootaan ammoo Atleet Yeneenash Dinqeessaa sadarkaa 2ffaa qabachuun xumuraniiru.
Ispeen magaalaa Maadriid fiigicha Fageenya Kiiloo Meetira 10 Saan Siilvaasteer Vaaliikaanaatti dubartoota gidduutti gaggeeffameen Daggituu Azmaraa sadarkaa 1ffaan xumurteerti.
Akkasumas Fiigicha daandirraa Kiiloo Meetira 10 Xaaliyaanii Boolanyootti dhiirota gidduutti gaggeeffameen Taaddasaa Warquu 1ffaa yoo ba’u, Taammiraati Tolaa sadarkaa 2ffaan xumureera.
Dubartoota gidduutti ammoo fiigicha fageenya Kiiloo Meetira 5 gaggeeffameen Alteet Daawwiit Siyyuum sadarkaa 1ffaan xumurteerti.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment