Fiigicha daandiirraa guyyaa borii gaggeeffamuun daandileen cufaman ifooman

Finfinnee, Sadaasa 3, 2015 (FBC) – Fiigicha daandiirraa Kilabaa Ispoortii Bunaa Ityoophiyaan qophaa’ee guyyaa borii Finfinneetti gaggeeffamu nagaan akka xumuramuuf qaamoleen nageenyaa qophii barbaachisaa taasisuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Fiigichichis Addabaabaayii Masqalaarraa ka’uun kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Hirmaattonni fiigichichaas, nageenya waloof jecha sakatta’iinsa qaamoleen nageenyaa taasisaniif tumsaa akka taasisaan ibsuun dorgommichi jalqabamee hanga xumuramutti daandilee cufaman ifoomaniiru.

Haaluma kanaan, Daandiin Uraa’el, Olompiyaa, Siiniimaa Agoonaa irraa gara Addabaabayii Masqalaa geessu, daandiin Gamoo Wangeellawwiit, Bataskaana Yooseef, Gofaa Gabireel, Saarbeet irraa gara Addaabaabaayii Gofaa geessan; Gamtaa Afriikaarraa gara Bulgaariyaa kan geessu, dandii Monopolii Tamboorraa gara Hoteela Gannat, Mana Rasaasaan gara Gamoo Xamamaa kan geessu; Addabaabayii Meeksiikoo, Bataskaana Lidataa, Sangaa Taraa, Tiyaatira Biyyaalessaarraan gara Lagahaar kan geessuu; Hoteela Harraambee fi Masaraa Mootummaarraan gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessan daandileen cufaa ta’uu eerameera.

Kana malee, Sheelii Kaasaanchii gara Baambiis daandiin geessuu gara bariitti sa’a 11:00 irraa eegalee dorgommichi hanga xumuramutti konkolaattotaaf cufaa ta’uun ibsameera.

Akkasumas, daandilee cina mirgaa fi bitaan yeroo gabaabaafis ta’e dheeraaf konkolaattota dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment