Fiichee Cambalaalaan kabajama jira

Finfinnee, Bitootessa 28, 2016 (FBC)-Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Ummata Sidaama “Fiichee Cambalaalaan Magaalaa Hawaasaatti sirna hoo’aan kabajama jira.

Ayyaannichi Guyyaa kaleessa Jala bultiin “Fixaarii” kan kanajame yoo ta’u har’a ammoo Addabaabaayiitti “Cambalaalaan” kabajamaa jira.

Bakka sirnichi gaggeeffamu “Guddumaalleetti” dhalattoonni naannichaa, keessummoonnii, garaagaraa argamaniiru.

Sirnicharratti hirmaattonni, uffannaa aadaan miidhaganii, dhiichisa garaagaraa argisiisaa jiru.

Dabiriituu Bazzaabbii, Birhaanuu Bagaashaa, Afawarqi Iyyayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment