Fiichee cambaalaalaan beekumsaa ummannii Sidaamaa Itiyoophiyaa fi addunyaf gumaachaani-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 28, 2016 (FBC)- Fiichee Cambaalaalaan beekumsaa Ummanni Sidaamaa Itiyoophiyaa fi ummata Addunyaaf gumaachaan jechuun Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dubbatan.

Ayyaanni jijjiirra bara haaraa Ummata Sidaamaa Fiichee Cambalaalaan Magaalaa Hawaasatti sirna hoo’aan kabajamaa jira.
Sirnicharratti kan argaman Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan Fiichee Cambalaalaan ayyaanaa waloomaa, obbolummaa fi tokkummaa ta’uu eeraniiru.

Jijjiiramaan boodaa Itiyoophiyaatti, hiyyummaa, duubatti hafummaa fi natu siif beekaan dhabamee aduun obbolummaa fi walqixxummaa baateetti jedhan.

Kunis qabsoo waloo ummattoonni taasisaniin ta’uu eeraniiru.

Jijjiiramichaan boqonnaa haaraan, mul’anni haaraa fi dhaloonni haaraan fuuldurattiakka tarkaanfatu carraa uumuu kaasaniiru.

Yaadota addaan nu fageessanirraa kanneen walitti nu dhiyeessan hedduu ta’uu kan kaasaan Pireezidaanti Shimallis, ammas waloon fuulduratti imaluu qaba jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment