Figicha Walakkaa Maaraatoonii Kaazaakiistaan -Duushaanbeen Atleetoonni Ityoophiyaa milkaa’aan

Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) – Figicha Walakkaa Maaraatoonii Kaazaakiistaan -Duushaanbeen Atleetoonni Ityoophiyaa milkaa’aaniiru.

Dorgommii dubartoota gidduutti gaggeeffameen Atleet Baqqaluu Abbabaa sadarkaa 1ffaa xumurteerti.

Figicha fageenya walfakkaatuun dhiiroota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atleet Girmaa Xilahuun sadarkaa 2ffaan xumuruu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Gama biroon Dorgommii Idil Addunyaa Kooriyaa Kibbaa – See’ool Sadarkaan Pilaatniiyeemii laatameefin ammoo Atleet Mossinat Garramoon sa’aatii bakkichaa fooyyessuun moo’ateera.

Atleet Hirphaasaa Naggasaan sadarkaa 2ffaan xumureera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment