Feestivaalli Diyaaspooraa gara biyyaa paarkii Afrikaa har’a eebbifametti ifaan eegalame

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Feestivaalli Diyaaspooraa gara biyyaa paarkii Afrikaa har’a eebbifametti ifaan eegalameera.

Suphaan Paarkoota Afrikaa Ityoophiyaa fi Finfinnee xumuramuun tajaajila laachuu eegalaniiru.

Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee Paarkii Afrikaa har’a eebbisiisuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preessirraa argame ni muul’isa.

Paarkii Afrikaa dabalatee paarkiiwwan Ityoophiyaa fi Finfinnee har’aa eegalanii tajaajilaaf banaa kan ta’an ta’uu ibsameera.

Sagantaa baniinsaa kanarratti Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee Itti aanaa Kaantibaa magaalichaa obbo Zyaanxiraar Abbay, hoggantoonni mootummaa olaanoo Federaalaa fi naannolee, diyaaspoorawwan, dhalattoonnii fi michuuwwan Ityoophiyaa argamaniiru.

Iddichaatti qophiileen seenaaa qabeeyyiin, Aadaa fi biyyaalessaa daawwattootaaf dhiyaachaa jiraachuu himameera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment