Finfinnee, Bitootessa 11, 2017 (FMC) – Feestivaalli Aartiifi Aadaa Baha Afrikaa 2ffaan Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Feestivaalichi qopheessummaa Ministeera Aadaafi Ispoortiin mata duree “Aartiifi Aadaa Tumsa Naannawaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira jedhameera.
Feestivaala kanarratti Ministira Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon, Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, jilli garee hirmaattotaa Baha Afrikaa, hirmaattonni naannoleefi bulchiinsa magaalotaa akkasumas keessummoonni biroon argamaniiru.
Feestivaalichi hariiroo uummattootaa cimsuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, guyyoota 3’f kan akka gaggeeffamu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia