Feestivaalli Aadaafi Aartii Afrikaa Bahaa Kibxata dhufu eegala

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Feestivaalli Aadaa Fi Aartii Afrikaa Bahaa Kibxataa dhufu akka eegalu, Ministeerri Aadaa fi Ispoortii fi Ministeerri Dhimma Alaa ibsa waloon miidiyaaleef kennaniin beeksisaniiru.
Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan akka eeraniitti, feestivaalicha irratti Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa 13 ni hirmaatu.
Saganticharrattis argisiisni biyyoota beeksisan ni dhiyaatu jedhan.
Biyyoota hirmaattoota feestivaalichaa ta’an qorannoowwan, fakkiiwwan, aartiiwwaniifi qophiileen ispoortii garagaraan Addunyaatti isaan beeksisan akka dhiyaatan ibsaniiru.
Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Diinaa Muftii gama isaaniin, feestivaalichi biyyooyta Afriikaa Bahaa dameewwan hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaan keessumaa, gama aadaa, daldalaa fi invastimantiin walitti hidhamiinsa uumuuf gumaacha olaana akka qabu eerameera.
Wandawasan Aragahaanyitu gabaase
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment