Feestivaalli Aadaa fi Zumbaaraa Magaalaa Asoosaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Feestivaalli Aadaa fi Zumbaaraa Magaalaa Asoosaatti gaggeeffamaa jira.
Feestivaalicharratti mariin paanaaliifi argisiisni aadaa garagaraa dhiyaataa jiru.
Walbeekumsaa fi tokkuummaaf sagantaan feestivaalaa walfakkaataan ni barbaachisa kan jedhan hirmaattonni yaada isaanii FBC’f kennan, damee tuuriizimii guddisuufillee gumaachaa qabas jedhaniiru.
Ityoophiyaan biyyaa heddumminaan keessa jiraatamtu ta’uu eeranii, heddummina kana daandii bu’aa qabeessa ta’een ijaarsa biyyaaf fayyadamuuf dandeessisa jedhaniiru.
Feestivaalli ministeerri aadaa fi ispoortii, Biiroon Aadaafi Tuuriizimii naannichaa waliin ta’uun qopheessan kanarratti mariin paanaalii fi daawwannaan garaagaraa ni taasifamuu jedhameera.
Afwarqi Iyyaayyuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment