Finfinnee, Waxabajjii 12, 2014 (FBC) –Feestivaalli Aadaa fi Aartii Afrikaa Bahaa mata duree “Aartii fi Aadaan walitti hidhamiinsa Naannawaaf’’ jedhuun Waxabajjii 7 eegalee Finfinneetti gaggeeffamaa ture xummurameera.
Xummura feestivaalichaa sababeeffachuun guyyaa har’aa fiigichi fageenya kiiloomeetira 5 koorniyaa lamaaniinuu gaggeeffamuun xummuramuu ibsameera.
Ityoophiyaan gama aadaa,aartii,fiilmii fi kanneen birootiin dhiyeessuun qabeenya gama kanaan qabdu beeksifachuu eeran.
Hojii feestivaala aadaa fi aartiin eegale daran gabbatee gara walitti hidhamiinsa guddina diinagdeetti ce’uun, Afrikaa maraaf darbes addunyaafis gumaacha mataasaa qabas jedhameera.
Fiigicha dhiirota gidduutti gaggeeffameen Atleet Leellisaa Maabrawtuu 1ffaa, Atleet Tasammaa Makonniin 2ffaa fi Atleet Dinqaalem Ayyaalaan sadarkaa 3ffaan xumuraniiru.
Dorgommii dubartoota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atleet Ayinaadis Maabraatuu 1ffaa, Atleet Aanchinaaluu Dassee 2ffaa fi Atleey Faantuu Shuggii sadarkaa 3ffaan xumuramuu ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortiirraa argame ni muul’isa.
Sagantaa xumuraa kanarratti Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Ministir Deetaa Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnat dabalatee hoggantoonnii gi qooda fudhattoonni argamaniiru jedhame.
Feestivaalii kanarratti biyyoota Afrikaa Bahaa shan hirmaataniiru.
Feestivaala kanarratti kanneen hirmaatan muuxannoo guddaa walirraa qooddachuusaanii Ministir Deetaan Misooma Aartii fi Kalaqaa, Ministeera Aadaa fi Ispoortii,Aadde Nafisaa Almahaadii himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.