Feestivaalli Aadaa 15ffaan Magaalaa Finfinneetti baname

Finfinnee, Amajjii 24, 2016 (FBC)-Mata duree “Aadaalee keenya beekuun cabiinsa keenya wal’aanuu” jedhuun Feestivaalli Aadaa 15ffaan Sadarkaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu banameera.

Feestivaalicharratti hundeeffamuu mandaaraa saba fi sabalammootaa, akkaataa jireenyaa, sirnoota amantaalee, nyaataa fi dhugaatiiwwan aadaa fi kanneen biroon kan irratti dhiyaatan ta’uun ibsameera.

Aadaa fi dhuudhaalee gaggaarii hawaasa keessa jiran barsiisuun, beekumsa biyya keessaa dagaagsuu akkasuma bu’aalee ogumma harkaa dhiyeesuun walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf feestivaalichi gumaacha olaanaa akka qabaatu eerameera.

Sirna baniinsa feestivaalicharratti, Ministiraa Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Kantiibaa Ittaanaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay akkasumas ogeeyyii aartii dabalatee keessummoonni garaagaraa argamaniiru.

Festivaallichi hanga Amajjii 26, 2016’tti tura jedhameera.

Mallas Mitikkuutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment