Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Feestivaalli Aadaa fi Aartii Baha Afrikaa hariiroo naannawaa cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu Ministiroonni Aadaa fi Ispoortii biyyoota Afrikaa Bahaa ibsan.
Feestivaalli Aadaa fi Bahaa Aartii Afrikaa 2ffaan mata duree ‘Aadaa fi Aartii hariiroo naannawaaf’ jedhuun guyyaa kaleessaa Finfinneetti eegalameera.
Feestivaalichi waltajjii Afrikaanoonni duudhaalee Aadaa fi Aartii isaanii waloon mul’isan ta’uu Ministirri Aadaa fi Ispoortii Ruwaandaa Naadiyaa Aroonyi ibsaniiru.
Duudhaaleen Afaanii, Aadaafi jireenya Afrikaanootaa walitti dhiheenya qabaachuu hordofee feestivaalichi tokkummaa isaanii kan itti agarsiisan ta’uu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Rippaablika Diimookiraawaa Koongoo Inganzii Indooniin himaniiru.
Hariiroo ummattoota Baha Afrikaa gidduu jiru beeksiisuu fi cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera, Dhimmoota Hawaasummaa Afrikaa Bahaa Aadaa, Ispoortii fi Dargaggootaa Burrundii Geeraaviis Abaayehoon eeraniiru.
Naannawicha misoomaan walitti hidhuura darbee aadaa beeksisuun hariiroo ummattootaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu ministiroonni kunneen eeruu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia