Feesbuukiin garee deeggartoota Tiraamp uggure

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC) – Feesbuukiin garee deeggartoota Tiraamp ugguruu beeksiseera.

Deeggartoota Tiraampiin kan baname gareen “Ispoot Za Istiil”jedhamu guyyaa tokko qofaatti miseensoota gara namoota kuma 300 fi kuma 50 walga’ee akka ture ibsameera.

Garichi kan hundaa’e sagaleen keenya hatameera jechuun deeggartoota Tiraampidha.

Kanumaan walqabatee dhaabbanni Feesbuukii walitti bu’insa uumuu danda’a jechuun uggureera.

Dubbi himaan dhaabbatichaa gochi garichaa adeemsa filanichaa seeraa qabeessummaa laachuuf akka ta’e ibseera.

Ariizoonaatti kan argaman deeggartoonni Tiraamp hiriira bahuun mormii dhaggeesisaniiru.

Dhimmi kun kan yaaddesse Aminast Intarnaashiinaal buufataaleen filannoon itti lakkaa’amu meeshaa waraanaan akka eeggamu waamicha dhiyeesseera.

Maddi:- Aljaziiraa

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment