Feeleeksi Shiiseekeediin Raamaafoosaarraa dura taa’ummaa Gamtaa Afrikaa fudhatan

Finfinnee, Amajjii 29, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Rippaablika Diimookraataawaa Koongoo Feeleeksi Shiiseekeediin aangoo dura taa’ummaa Gamtaa Afrikaa Preezdaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaarraa fudhataniiru.

Aangoo kan dabarsan Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan dura taa’aa Gamtichaa haaraaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Alaabaa gamtaa Afrikaa yaa’ii gaggeeffamerratti fakkeenyummaaf laataniiru.

Sababa weerara vaayrasii koroonaan korichi viidiyoo konfaransiin akka gaggeeffamu murtaa’uu ibsameera.

Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan haasawa baniinsii taasiisaniin erga weerarichi muul’tee booda ardichatti weeraricha ittisuuf tattaaffii taasiifamaa jiru ibsa taasiisaniiru.

Dabalataan wayita weerara vaayrasichaa ittisuuf hojjetamaa jirutti daldala bilisaa Afrikaa dhugoomsuun danda’umuu kaasaniiru.

Daldalli bilisaa naannichaa dhugoomuun guddina, misoomaa fi badhaadhina ardicha kan mirkaneessu ta’uu aangoo dabarsanii kan laatan Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

Comments (0)
Add Comment