Fedhiin sharafa alaa fi dhiyeessiin akka walgituuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Mudde 11, 2016 (FBC) – Fedhiin sharafa alaa fi dhiyeessiin akka walgituuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsan.

Itiyoophiyaan qaamolee deeggartootaa waliin hariiroo qabdu cimsuuf, oomishaalee alatti ergamanii fi kanneen biroorratti hojjetameen Sharafni alaa olaanaa ta’e argamuu ibsameera.

Kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame biyyattiin haala fooyya’aarra jiraachuu ibsaniiru.

Waliigaltee biyyoota liqeessitootaa waliin taasiifameen kaffaltiin liqaa Birrii biiliyoona 2.2 yeroon aara galfii kennamuu Dooktar Fitsum turtii Faanaa Biroodkaastiing Korporeeti waliin taasiisaniin ibsaniiru.

Salamoon Yittaayewutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment