Fedhiin Misoomaa Itiyoophiyaa guddina biyyoota ollaa giddu galeessa kan godhateedha – Dooktar Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC) – Fedhiin Karra Galaanaa Itiyoophiyaa fedhii biyyoota naannawaa giddu galeessa kan godhate ta’uu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuma Asaffaan ibsan.

Lakkoofsi ummata Itiyoophiya dabalaa dhufuu hordofee sodaan karra galaanaa dhimma ijoo ta’aa jiraachuu Dooktar Fitsum turtii CGTN waliin taasiisaniin himaniiru.

Kunis fayyadamummaa waloo giddu galeeffachuun adeemsa marii fi waliigaltee kennanii fudhachuun ta’uu akka qabu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan waggoottaan kurnan darban biyyoota Afrikaa misoomaan walitti hidhuuf hojiilee hedduu hojjechuu dubbataniiru.

Daldalli bilisaa fi walitti hidhamiinsi bu’uuraalee misoomaa daraan murteessaa ta’uu himaniiru.

Kana milkeessuu keessatti Itiyoophiyaan qooda ishee gumaachuun faayidaas argachuuf hojjechaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Miidhaa jijjiiramni qabeenya qilleensaa qaqqabsiisaa jiru qolachuuf Itiyoophiyaan hojii fakeenya ta’u hojjechuu ibsaniiru.

Waggoottaan shanan darbanis Biqiltuuwwan biiliyoona 3.2 dhaabuu ishee himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment