Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC) – Qabeenya qabnu sirnaan fayyadamuun fedhii ummataa guutuuf ni hojjenna jedhan Preezdaantii Naannoo Sidaamaa ta’uun irra deebiin kan filataman obbo Dassitaa Leeddaamoon.
Dhimmoota hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaan fedhii ummataa guutuu fi gaaffii ummataa deebisuuf kan hojjetan ta’uu obbo Dassitaan dubbataniiru.
Tokkummaa keenya jabeessuun hariiroo ummata biroo waliin qabnu caalmaatti cimsuun barbaachisaadha jedhan.
Rakkoo jiru mariin furuu fi adeemsaa diimookiraasii hordofuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Qabsoo kiraa sassaabdummaarratti taasiifamu cimsanii kan itti fufan ta’uus eeraniiru.
Obbo Daassitaan Carraa hojii uumuuf caalmaatti kan hojjetan ta’uus ibsaniiru.
Qabeenya damee Indaastirii fi Qonnaan jiru ummanni sirnaan fayyadamoo akka ta’u hojjetamuu qaba jedhan.
Birihaanuu Bagaasshawutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.