Fedhii siyaasaa milkeeffachuuf boora’uu nageenyaa filmaata taasifachuun cabiinsa hamaadha-MM Dooktar Abiy

Finfinnee, Amajjii 28, 2016 (FBC)- Fedhii siyasaa milkeeffachuuf boora’uu nageenyaa filmaata taasifachuun cabiinsa hamaa ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad Walga’ii idilee 14ffaa mana maree bakka bu’oota ummaarratti gaaffilee miseensotarraa ka’aniif deebiii fi iba kennaiiru.

Nageenya biyyattii yeroo ammaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, nageenyi meeshaa murteessaa fi barbaachisaa ta’uu kan kaasan Ministirri Muummee, boora’uun nageenyaa biyyattiitti daandii ittiin fedhii siyaasaa milkeessuuf fayyadaman ta’uun cabiinsaa balaafamaa ta’uu ibsan.

Akkasumaas karaa rakkoo ittiin furan ta’uutti ilaalamuu fi filmaata nageenyaaf wayita karri saaqamu, duubatti deebisuu gufuufi kiyyoo kaa’uun amaleeffannaan bal’aa ta’uu kaasan.

Dhimmoonni kunneen faayidaa biyyalessaa fi tokkummaa Itiyoophyaarratti kan giddugaleeffatan akka hintaane eeraniiru.

Marii nageenyaan walqabatees, biyyattiitti naannawaa garagaraatti dhimmoonni salphatti furamuu danda’an rakkoo walitti bu’iisaa ta’uu fi buqqaatii kan hordofsiisu ta’uu himaniiru.

Marii ABO Shanee waliin taasifamee fi wamichi nageenyaa garichaaf taasifame waamicha nageenyaa morkattootaa siyaasaa biroof taasifameen addatti kan ilaalamu miti jedhanii, mariin Taanzaaniyaatti garicha waliin taasifame waliigaltee bu’uurraarra ga’amuu waan hindandenyeef ummataaf ifatti ibsuun akka hindanda’me ibsaniiru.

Wayitaa waan qabatamaa fi bu’uuraa qaburraa ga’amu kan ibsamu ta’uu kaasaniiru.

garichi ummata ugguraa, misoomaa gufachiisaa, saamichaa raawwachuun ummataan siifan qabsaa’a jechuun faayidaa kan hinqabne ta’uu fi ulaagaa qabsoos ta’uu hindanda’u jedhan.

Marii kanaan namoonni abdii hinqabatamne eeggatan kan jiran ta’uu himanii, fuuldurattis diimokiraasiin, mariin, filannoon yoo tarkaanfanne malee qawweedhaan aangoo qabachuun baaftuu hinta’u jedhaniiru.

Qaamoleen hidhatanii socho’anis hidhannoo lafa kaa’uun marii fi nageenyaa akka filatan waamicha taasisuun mootummaan federaalaas karaa nagaan, mariidhaan rakkoolee jiraan furuuf ammaallee qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment