Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa wal dorgommiin liigii bara 2012 hundi haqamuu beeksise

Finfinnee, Eebila 27, 2012 (FBC) –Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa wal dorgommiin liigii bara 2012 hundi haqamuu beeksise.

Koreen Hojii Rawwaachiiftuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa wal dorgommiiwwan liigii 2012 gaggeeffama ture irratti guyyaa har’aa mari’achuun murtoo dabarseera.

Korichi biyyattiin labsii yeroo ariiffachiisaa keessa jiraachuu ilaalacha keessa galchuu fi weerari vaayrasi koroonaai yoom akka to’atamu beekuun rakkisaa ta’uusa irraa ka’uun wal dorgommiiwwan yoom akka gaggeeffamu beekuun waan hin danda’amneef murtoo dabarsuu ibseera.

Bu’uuruma kanaan wal dorgommiin liigii bara 2012 hundu haqamuu ibsa baaseen beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment