Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa Yaa’ii Waliigalaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Fulbaana 28, 2017 (FBC) – Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa Yaa’ii Waliigalaa 16ffaa Galma Walga’ii Gamtaa Afrikaatti gaggeessaa jira.

Pireezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa fi miseensi koree hojii raawwachiistuu Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Obbo Isaayyaas Jiraan yaa’icha eegalchiisaniiru.

Yaa’ichi raawwii hoji bara 2016 dhiyaaterratti marii taasiisaa jiraachuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Hanqina Istaadiyeemii sadarkaa FIFA eeggate dhabuu mudate furuuf mootummaan ni hojjeta jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment