Finfinnee, Bitootessa 21, 2013 (FBC) – Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa gochi Koree Olompiikii Itiyoophiyaa mooraa waajjirichaa keessatti dunkaana buufatee filannoo seeraan alaa Preezdaantummaa korichaa gaggeessuun sirrii miti jedheera.
Federeeshinichi ibsa har’a baaseen, Filannoo ukkaamsaa Koree Olompikii Ityoophiyaa kana Federeeshinoota Isportii biyyattii keessa jiran 15 keessaa 13 mormuun 2 hirmaachisuun kan gaggeeffame.
Preezdaantiin Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Komaandar Atleet Daraartuu Tulluu, kana dura yaa’ichi magaalaa Baahirdaaritti karoorfamus seeraan ala jedhamee gara Hawaasaatti imalanii milkaa’uu dhabuun gara waajjiraatti deebisuun filannicha raawwatan jedhan.
Filannichiis seeraan ala kan jedhamaa jiruuf Mudde ,2013 Hawaasaatti Yaa’ii gaggeeffamerratti filannoo gaggeessuuf mooshiinii Preezdaantummaa dhiyaateen filannichi Dorgommii Olompikii Tookiyoo booda yoo godhame wayya jennee murteessine diiguun filannootti galuu isaati.
Itti aansee Bishooftuurratti Yaa’ii gaggeeffameen akka filannootti galamu murtaa’e.
Itti aansee, ‘Ulaagaa filannoo maalii jenna?’ kan jedhurratti sadarkaa barnootaa ta’uun filannicha keessaa baasuuf murteessuun gara filannoo seeraan alaatti seenan jedhan Itti gaafatamaan Waajjira Federeeshinii Atleetiksii Itiyoophiyaa obbo Bililliny Maqoyyaa ibsa ijjannoo Federeeshinichaa dhiyeessan.
1. Waldaaleen Biyyaalessaa seera Komishiinii Ispoortiin beekuun alatti buluu akka hin qabne imaammanni biyyattii hin eeyyamneen koricha waliin shiraan qindaa’uun kallattii walitti qabaan Mana maree Ispoortii biyyaalessa Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma alaa obbo Dammaqaa ala raawwachuu isaanii.
2. Yaa’ii 45ffaa Koree Olompikii Ityoophiyaa Hawaasaatti gaggeeffameen yaa’ichi hanga Olompikii Tookiyoo Bara Faranjoota 2020 boodaatti haa turu, hanga bara Faranjoota 2014 jedhee sagalee guutuun mirkaneesseera.
Hojii raawwachiiftonni jiranis akka itti fufan murtaa’ee osoo jiruutii filannoo seeraan alaa kana ni balaaleeffanna.
3.Waldaan Biyyaalessaa 1 waggaatti yoo baay’ate yaa’ii 2 taa’a; korichi hanga yaa’ii 7taa’utti qabeenya dafqa Atleetotaan hidhannoo argame qaamolee garagaraatiif gooduun mancaasuu.
4. Preezdaantummaan Dooktar Ashabbir Walda Giyoorgis bakka bu’iinsa Seera qabeessa hin qabu; Preezdaantii Federeeshinii Kubbaa kaachoos miti.
5. Waldaa ulfaatina kaasuu keessatti nama waggaa 8 ol hojjate shiraan danbii ittiin bulmaataan alatti waggoota dabalataaf shiraan Prezdaantummaaf filachiisan Mootummaan ilaalee sirreessuu qaba.
6. Atleet Hayilee Gabra Sillaasee fi Birhaanee Adaree hirmaachuun isaanii sirrii ta’ee bakka bu’iinsa waldaa atleetoota Buleeyyiin kan bakka hin buuneefi beekkamtii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa malee hirmaachuun isaani seeraan ala.
7.Filannoon Preezdaantii Waldaaleen gaggeessan kamuu miidiyaaf ifa godhamee bakka mootummaan beekutti gaggeeffamuu otoo irra jiru dhoksaan Waajjira Olompikichaa kessatti gaggeeffame fudhatama hin qabu.
Preezdaantii Waldaa atleetoota Ityoophiyaa Atleet Maarqos Gannatii ibsa ejjannoo waldichaa:
1.Waldaan atleetootaa Ityoophiyaa gochi Koreen Olompikii Itiyoophiyaa keessatti seeraan ala raawwatu qabxii Olompikii Tookiyoo irratti dhufuuf yaaddoo qabaachuu.
2.Gochi seeraan ala filannoo koree Olompikii keessatti hojjatamaa jiru guutumaan guutuutti nibalaaleeffanna.
3.Dhimma kanas mootummaan irratti xiyyeeffatee fala waarawaa akka kennu gaafanna.
Preezdaantii Federeeshinii Kubbaa Kaachoo Naannoo Amaaraa obbo Birilleew Indaalaa Dooktar Ashabbir Walda Giyorgis dorgommii Preezdaantummaa Koree Olompikii Ityoophiyaaf yoo dorgomu bakka bu’iinsa N/S/S/U/I bakka bu’e jechuun dhiyaate N/S/S/U/K bakka hin buusne jechuun Koree hojii raawwachiistonni qaboo yaa’ii qabatanii kan itti mallatteessuun morman dhiyeessan.
Itti aansee, Mana murtiitti dhiyaachuun seeraan ala jedhamee itti murtaa’eera.
Filannoo itti guutinsaan dhiyaate malee beekkamtii hinqabu. Kunis hanga ammaatti Preezdaantii Federeeshinii Kubbaa Kaachoofi Olompikii miti jedhan obbo Birilleen.
Yeroon turmaata isaallee Sadaasa 2013 xumurame jedhan.
Gochi Dooktar Ashabbir Walda Giyoorgis hojiin isaan kana dura kubbaa miilaatiin biyyattii waggota 2f adabsiisee ni beekama.
Qophii Olompikii Tookiyoof rakkoolee garagaraa uumuun hojii keenya danqaa tureera jedhan, Preezdaantiin Waldaa Leenjistoota Ityoophiyaa Shaambal Tolasaa Qottuu.
Kanaafis mootummaan nama kana bakkeedhaa hin kaasu taanaan qabxii dhufu irratti qaawwi isaa olaanaadhaa jedhan.
Ibsicharratti leenjistoonni Atleetiksii Garee Biyyaaleessaa, Maanaajaroonni atleetotaa fi Koree hojii raawwachiistuu Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa argamuun yaada mormii qaban ibsan Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa irraa odeeffanne.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.