Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaa gamoo hunda galeessaa abbaa darbii 12 ijaarsisuuf dhagaa bu’uuraa kaa’e

Finfinnee, Muddee 3, 2013 (FBC) – Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaa gamoo hunda galeessaa abbaa darbii 12 ijaarsisuuf dhagaa bu’uuraa kaa’eera.
Dhagaa bu’uuraa kana Komishinara Komishinii Ispoortii Federaalaa obbo Eeliyaas Shikurii fi Preezdaantii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa Komaandar Daraartuu Tulluu kaa’aniiru.
Komishinarri Komishinii Ispoortii Federaalaa obbo Eeliyaas Shikur sagantichaarratti gamoo federeeshinichi ijaaruuf jiru kan akka deeggaran ibsaniiru.
Ministirri Deettaan Aadaa fi Tuuriizimii obbo Haabtaamuu Sisaay gama isaaniin atileetiksiin sadarkaa idil addunyaatti injifachuun kan beekamu ta’uu ibsuun, fuula durattis bu’aan akka kanaa itti fufuu qabaa jedhaniiru.
Preezdaantiin Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaa Komaandar Daraartuu Tulluu gamoon kun ijaaramuun isaa atileetiksii tarkaanfii tokko ol ni guddisa jedhaniiru.
Gamoon ijaaramu kunis, giddugala yaalaa, muuziyaamii, jimnaaziyaamii, mana dubbisaa, biiroowwanii fi kutaalee tajaajila biroo laatan kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment