Federeeshinii dubartootaa naannoo Oromiyaa yaa’iin idilee isaa 3ffaa gaggeessa jira

Finfinnee, Onkololeessaa 16, 2013 (FBC) – Federeeshinii dubartootaa naannoo Oromiyaa yaa’iin idilee isaa 3ffaa gaggeessa jira.

Yaa’ichi magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti gaggeefama kan jiru.

Yaa’iichan gabaasni raawwii waggoota sadan darbanii fi karoora waggoota sadan dhufuurratti qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin mari’atama jira.

Waltajjicharrattis, koreen giddugaleessaa federeeshinii dubartootaa,gaggeessitoonni federeeshinii sadarkaa godinaalee fi bulchiinsa magaalotaa, koreen hojii raawwachiistu federeeshinii sadarkaa naannoo fi koreen waldaalee dubartoota magaalaa Finfinnee argamaniiru.

Waltajjichaan raawwiin waggoota sadan darbanii fi wixinee danbii ittiin bulmaata federeeshinichaa keessa deebiin qophaa’e irratti mari’achuun yaadaan ni gabbifamaan eegama.

Kana malees karoora yaa’ii idilee 3ffaarratti mari’achuun yaa’ii sadarkaa gandaa kaasee hanga naannootti baatii Mudde dhufu gaggeeffamuuf jedhuuf gabbatee ni dhiyaataan eegama.

Preezdaantiin Federeeshinii Dubartoota naannoo Oromiyaa aadde Askaalaa Lammaa, hanqina jiru furuun cimina jiru jabeessuun fayyadamummaa dubartoota mirkaneessuu qabna jedhaniiru.

Yaa’ichi har’a dabalatee guyyoota 3f ni gaggeeffama.

Maddi:-BDHKMNO

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment